• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Booranaa Aanaalee hunda keessaa loltoonni Bilxiginnaa dargaggoota humnaan gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun himame

Nov 3, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2024 

Afaan qawweetiin uummata meesha maleeyyii cafaqee bulchuu kan barbaadu gareen nama nyaataan PP umurii aangoo isaa dheereffachuu fi impaayera bututtuu Itiyoophiyaa suphuuf jecha, goleewwan Oromiyaa mara keessaa, uummata nagaa dirqamaan gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa jirra.

Aanaalee godina Booranaa hunda keessaa dargaggoota Raayyaa Ittisa Impaayerattii deeman ganda tokko keessaa yoo xiqqaate hanga dargaggoota 40 fidaa” jechuun uummatatti afaan qawwee garagalfatanii dargaggoota ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuu jiraattonni dubbisne ONM’tti himan.

Yoo dargaggoota gara leenjii waraanaa PP’tti hin dhiyeessine immoo, qarshii 15,000 akka kaffalaniif dirqisiifamaa jiraachuun dhiiraa fi dhalaa osoo hin jenne dargaggoota argatan mara ukkaamsanii guuraa kan jiran ta’uun, jiraattonni godina Booranaa yeroo ammaa rakkoo hamaa keessa jiraachuu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading