Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa Aanaa Noonnoo Beenjaatti jiraattota ukkaamsanii gara leenjii waraanaatti guuruun cimee itti fufe

ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2024 

Murni kufaatii isaaf yaadda’uun egeree isaatiif abdii kutate bilxiginnaan,  impaayera bututtuu Itiyoophiyaa kufaatii irraa baraaruuf jecha akkuma mootummaa Dargii hawaasa nagaa saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuruu cimsee itti fufee jira.

Aanaa Noonnoo Beenjaa ganda Amdoo jedhamu keessaa ergamtoonni bilxiginnaa Onkoloolessa 25, 2024 fi 26, 2024 jiraattota leenjii waraanaaf ukkaamsaa kan turan yoo ta’u, isaan keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Saamu’eel Amanaa,
  2. Ajaayib Dabbabaa fi kanneen biroo hedduu ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Aanichatti dhiittaa fi sarbamiinsi mirga namoomaas daran hammaatee itti fufee jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version