ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2024
Manni Barumsaa Boruu Galmaa godina Jimmaa Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa ganda Ginjoo Yuunivarsiitii Jimmaa cinatti kan argamuu fi mana barumsaa Afaan Oromoo aarsaa barsiisota Yuunivarsiitii Jimmaan hundaa’e ta’uun ni beekama.
Manni Barumsaa kun, barnoota idilee duraatii hanga kutaa saddeetiitti (KG-8)’tiin uummata tajaajilaa kan jiruu fi ture yoo ta’u, amantaa fi dinagdeen osoo adda hin qoodin saba afaaniichaan barachuu barbaadu simachaa, kan afaan Oromoon barsiisuu danda’us beeksisa baasee fudhachaa kan ture, barnoonni lammii kamiifuu kan jedhuu fi Oromoon afaan isaan barachuu qaba kan jedhu irratti xiyyeeffachuun barsiisaa kan tureedha. Kana cinatti ammoo dirree barnootaa ilmaan Oromoo keessatti Oromummaa, aadaa fi duudhaa isaanii baratan ta’uun beekama.
Oromummaa hadheeffachuun kan mormu murni bilxiginnaa mana barumsaa kana laficha irratti investimentii hojjenna jechuun Onkoloolessa 26, 2024 sa’a 4:00-5:00 gidduutti milishoonnii fi kaabinoonni sirnichaa humnaan hawaasa baasuun diigsisaa kan turan ta’uu eeruun maddeenii fi ragaa qabatamaa waraabbiin viidiyoo ONM dhaqqabe ni addeessa.
Magaalaa Jimmaa keessatti Afaan Oromoo dubbachuun akka diinaatti kan ilaalamu ta’ee osoo jiruu aarsaa fi dhamaatii hayyoota Yuunivarsiitii Jimmaatiin kan hundaa’e Manni Barumsaa Boruu Galmaa, Mana Barumsaa Afaan Oromoo magaalicha keessatti argamu “Mana Barumsaa Waliif” dabalatee uummanni Oromoo akka agartuu Ija isaatti kan ilaalu ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

