ONM-ABO Onkoloolessa 30, 2024
Uummanni Oromoo impaayera Itiyoophiyaa keessatti hacuuccaa sirna alagaan baroota dhufaa darbaa saboota kan biroo irraa addatti gidiraa hamaa argaa har’a ga’uun kan yaadatamu yoo ta’u, addatti ammoo bara Bilxiginnaa kanammoo isayyuu mootummaa maqaa Oromoo dhahatee masaraa kiiloo afur jiruun kan baroota darbaniin olitti duula qindaa’aa duguuggaa sanyii keessummeessaa jira.
Kaaba Shaggar aanaa Dharraa gandoota adda addaa keessatti duula duguuggaa sanyii torbanoota darban keessa finxaaleeyyiin Amaaraa deggersa murnoota bilxiginnaan raawwataniin hawaasni qe’ee fi qabeenyi isaa jalaa barbadaa’ee lubbuu isaa tokkittii qofti hafteefii gara gammoojjiitti baqate, wayita ammaa rakkoowwan kanneen akka dhukkuboota garaa garaa, beela, dheebuuf saaxilamanii rakkachaa jiraachuu maddeen himan.
Ganda Jirruu Daadaa keessaa gara gammoojjii aanichaatti kanneen godaanan keessaa namoonni 500 ol dhibee garaa kaasaaf saaxilamuun rakkachaa kan jiran yoo ta’u, namoonni 3000 ol ammoo dhibee Buusaan qabamanii yaalaa tokko illee osoo hin argatin lubbuun darbaa kan jiranillee jiraachuu jiraattonni ONM dubbise himaniiru.
Namoota dhibee busaan qabamanii jiran keessaa muraasni maqaan isaanii nu ga’e:
- Dargaggoo Umar Tamaam,
- Abbittii Daamxoo daa’ima umrii 10 gadii,
- Taammiruu Koonee daa’ima umrii 10 gadii,
- Habiib Dajanuu daa’ima umurii waggaa 10 gadii,
- Amaaree Aabbuu kan jedhamanii fi irra caalaan dhibee kanaan qabamanii jiranii daa’imman ta’uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

