Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waldhabdeen Miyanmaar keessatti itti fufee jiru biyyattii rakkoo keessa galchuu UN beeksise

ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2024 

Miyanmaar waldhabdeen hammaataa dhufuun rakkoo keessa galtee jiraachuu, toora yakkaa “to’annaa ala” fi gidiraan dhala namaa sadarkaa kanaan dura hin argamneen akka jiru gabaasni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akeekkachiiseera.

Ergamtuun addaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Miyanmaar, Juulii Bishoip, Kibxata dheengaddaa koree mirga namoomaa yaa’ii waliigalaa UN’tti akka himtetti, “hirmaattotni rakkoo Miyanmaar sammuu amma ittiin yaadaa jiran  bira darbuu qabu” jedhan.

Biishop jeequmsi kun akka dhaabbatu gaafachuun, waldhabdeen hidhannoo guutuu biyya Kibba Baha Eeshiyaa keessatti itti fufee jiruun, miidhaa namoota nagaa dabalaa jiruun fedhii namootaa furuu irratti guddinni xiqqaan jiraachuu akka danda’u cimsanii dubbataniiru.

Waldhabdeen kun olaantummaa seeraa “akka malee waan miidheef” “yakki biyyoota ollaa Miyanmaar irraa maddu baay’achaa jira” jechuun dabalteetti.

“Oomishaa fi daldala meeshaa waraanaa, daldala namaa, oomishaa fi daldala qoricha sammuu namaa hadoochu, fi wiirtuuwwan gowwoomsaa baay’inaan mul’achuun isaanii amma Miyanmaar yakka gurmaa’een biyyoota miseensa ta’an hunda keessaa sadarkaa olaanaa qabdi jechuudha,” jette. “Neetworkiin yakkamtootaa to’annaa ala ta’eera” jechuun dabalte.

Waraanni Miyanmaar mootummaa filatame Awung San Suu Kiyi Guraandhala 2021 aangoo irraa kaasuun mormii bal’aa gara bulchiinsa dimokiraasiitti akka deebi’u gaafatu ukkaamsuun finclitootni diimookiraasii deggeran akka baay’atan ta’eera jechuun Aljeeriyaan gabaaseera.

Exit mobile version