ONM-ABO Sadaasa 1, 2024
Hidhaa, ajjeechaa, saamicha, gubaatii, buqqaatii fi reebicha akka meeshaa waraanaatti fudhachuun dhimma itti ba’aa kan jiran gartuun kaayyoo nam-tokkee tiksuuf bobbaafaman ergamtootni murna bilxiginnaa, Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhu da’oo godhachuun hawaasa nagaa hirmaannaa siyaasaa irraa walaba ta’an dararuu jabeessanii itti fufaniiru.
Onkoloolessa 28, 2024 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Gooroo fi Migiraa keessatti hidhattootni sirnichaa maqaa sakattaa WBO jedhuun bobbaafaman namoota nagaa irratti reebichaa fi saamicha raawwachuun hidhaniiru.
Maqaan namoota reebichi irratti raawwachuun hidhamanii kunneen; Sayid Mahaammad Awwal qarshii fi bilbila harkaa waliin, Indirroo Daawit bilbila harkaa, Ibraahim Ahimuu bilbila guddaa, Jaafar Usmaan irraa maallaqa 20,000 fi bilbila harkaa irraa fudhachuun reebicha hammaataa ta’e irraan ga’anii hidhuu jiraattotni onichaa ONM’f eeraniiru.
Namoonni ergamtoota murna maafiyaa PP’n qe’ee fi ooyiruu isaanii irraa qabamuun hidhaman kun namoota nagaa hirmaannaa siyaasaa kam keessaa qooda hin qabne jireenya isaanii qofa mo’achuuf dhama’an yoo ta’an, gareen ilmaan Oromoo qofa dararuu hojii idilee isaanii taasifatan hidhattootni sirnichaa maqaa sakattaa waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun qe’ee hawaasaatti bobbaafamuun maatii qabsaa’otaa fi deggartoota WBO’ti, eeruu laattuuf maqaa jedhuun dhiittaan mirgoota namoomaa daangaa hin qabne uummata onichaa irratti raawwachaa jiraachuu fi jiraattotni kunneenis, loltoota sirnichaan bahaa fi gala dhorkamuun qaama itti himatan dhabanii goolama jireenyaa hamtuu keessa galanii akka jiran itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasaniiru.

