ONM-ABO Sadaasa 7, 2024
Ergamtoonni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf uummata irratti daba yaaduun miidhaa ulfaataa geessisaa kan oolan, godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti hawaasa nagaa irratti saamicha raawwachaa jiraachuun ibsameera.
Aanaa Cawwaaqaa araddoota adda addaa irraa ergamtoonni bilxiginnaa maqaa adda addaa itti dha’uun uummata irraa qarshii hedduu saamaa kan turan yeroo ammaa kanas maqaa “waan nyaannu hin qabnu” jedhuun afaan qawwee itti qabuun dirqamsiisanii humnaan jiraattota irraa qarshii 1,500 guuraa jiraachuu jiraattonni aanichaa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Ergamtoonni kunneen Sadaasa 4, 2024 irraa eegalee qarshii fi faayidaa dhuunfaa isaanii hawaasa dirqamsiisanii guuttachaa jiru. Akkasumas jiraattota hedduu ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee dararuun mana hidhaa keessaa baasuuf ammoo qarshii gurguddaas gaafachaa kan jiran ta’uun itti dabalamuun ibsameera.
Maqaa gibiraa fi kaffaltii adda addaan uummanni yeroo itti qaala’iinsa jireenyaan dararaa argaa jirutti murni aantummaa sabaa hin qabne PP’n qarshii doolaara Ameerikaa miiliyoona 738.2 biyya ollaa kan taate Sudaan Kibbaaf liqeessina jechuun miidiyaan dibbee rukutaa jiraachuun ni beekama.

