Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti ergamtoonni bilxginnaa jiraattota saamuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Sadaasa 5, 2024 

Ergamtoonni garaa isaanii guuttachuu qofaaf jiraatan waraanni Koloneel Abiy Ahimed kufaatii dinagdee hamaa impaayerattii mudatee jiru sababeeffachuun ajaja qaama olaanaa murna bilxiginnaa irraa itti kenname hordofuun goleewwan Oromiyaa baadiyyaa fi magaalaa cufa keessatti uummata Oromoo saamuu cimsanii itti fufanii kan jiran ta’uun ibsameera.

Aanaa Baakkoo Tibbee magaalaa Baakkoo keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa yeroo adda addaatti hawaasa gandoota baadiyyaa aanichaa hunda irraa gabaa daldalachuuf gara magaalichaa deeman ” isin hidhata WBO qabdu” jechuun ukkaamsuun boodarra qarshii 1000-2000 irraa guuraa kan jiran yoo ta’u, haaluma kanaan torban darbe keessa shamarree Yaadashii Jirtoo jedhamtu jiraattuu aanaa Gudayyaa Biilaa kan taate hidhata WBO qabda jechuun milishoonni sirnichaa qarshii 1000 irraa saamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru 

Kana malees aanichatti namoonni hedduun maqaa hidhata WBO qabduu fi ilmaan keessantu bosona jira jedhuun gaaffii seeraa tokko malee baatii dheeraaf waajjira Poolisii aanaa Baakkoo Tibbeetti hidhamanii dararamaa jiraachuun dabalataan ibsameera.

Exit mobile version