Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Horroo Guduruu Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Shaambuu buufata fayyaa magaalichaa keessatti miidhaan ogeessota fayyaa irratti jabaachuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Sadaasa 6, 2024 

Itiyoophiyummaan haa dursitu, amantii tokko, aadaa tokko, haawasummaa, seenaa fi eenyummaa tokkoon akka bultuuf bulchiinsa sirna mootii kan gonfoo sirnoota darbanii alaabaa tokko jalatti akka bultuuf ergamni Bilxiginnaan fudhate koloneel Abiy Ahimediin durfamuu eegale, uummata Oromoo bakkeewwan hojii seekteroota isaan irratti bobba’an hundaatti danqama itti ta’ee jiraachuun ni beekama.

Akkuma ji’oota darban keessa gabaasaa turre, miidhaan mooraa buufata fayyaa Shaambuu bulchiinsa magaalichaa keessatti ogeessota fayyaa kanneen sabaan Oromoo ta’anii fi sabboonummaa qaban shakkii hidhata WBO qabduun hojii irraa ari’amuu, manneen hidhaatti darbatamuu fi doorsisni irratti raawwatamaa jiru egeree isaanii yaaddessee jiraachuu ogeessi fayyaa tokko kan rakkoo nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka hin eeramne barbaadu ONM’f yaada isaa qoodeera.

Akka ogeessi fayyaa kun jedhetti, tajaajilli kamuu uummataaf dursa kennamuu qaba yoo nuti jenne; ilaalcha WBO qabdu, daawaa mooraa kana keessaa baasuun ergitu, eeruu madoo fi du’aa waraana keenyaa daataa isaa ittiin geessuu fi ilaalcha gaarii paartii badhaadhinaaf hin qabdan jechuun sarbama mirgoota namoomaa nu irratti qaqqabsiisaa jiru jechuun dubbata.

Itti dabaluunis buufanni fayyaa kun kan mootummaa waan ta’eef uummanni baadiyyaa irraa yaalaaf yeroo dhufan kanneen qaamni isaanii madaa’ee jiru yoo seenan hatattamaan eeruu nuuf laachaa hin jirtan, deggersa maallaqaa fi yaadaan nu waliin dhaabbachaa hin jirtan jechuun nu hiraarsaa jirus jedheera.

Paartiin Bilxiginnaa rakkoo sabaa furuuf osoo hin taane, yaadota angaa’ota sirnichaa milkeessuu qofaaf kan hojjetuudhas kan jedhe ogeessi fayyaa kun, osoo dhugaatti yaadni hawaasaa haa dursuu qabaatanii ogummaan fayyaa goonkumaa siyaasa waliin hidhata akka hin qabne isaanuu sirnaan beeku jechuun dabaluun addeesseera.

Exit mobile version