ONM-ABO Sadaasa 8, 2024
Ergamtoonni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa waanuma xiqqoo argataniif jecha ilmaan Oromoo dirqamaa fi goyyomsaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti dhaabbilee barnootaa adda addaa irraa barattoota gowwomsuun gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun himame.
Sadaasa 5, 2024 lukkeeleen Bilxiginnaa hooggantoota yuunivarsiitii Riifti Vaalii Jimmaa waliin ta’uun karaa toora telegiraamii irratti beeksisa “barattoonni hunduu Muummee keessanitti waan isin barbaannuuf hatattamaan akka argamtan” jechuun barattootaaf waamicha godhan.
Barattoonnis dhimma barnootaati se’uun erga deemanii lukkeeleen bilxiginnaa achitti argamanii sa’atii 8:15-9:30’tti waltajjii teessisuun dhimma Bilxiginnaan kan Oromooti fi guddina impaayerattiif barbaachisaadha, kanaaf eeguu qabna jechuun gowwomsaa turuu barattoonni Yuunivarsiitichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsan.
Ergamtoonni bilxiginnaa kunneen afaan dhadhaa dibatanii akka waan barattootaaf yaadaniitti “namoonni fedhii qabdan galma’aa; warri dhiiraa dhiyeessii nyaata waraanaa irra hojjettu, warri shamarranii immoo hojiin keessan nyaata bilcheessuudha jechuun kana hundaa yeroo hojjettan miindaa Dippiloomaa nyaachaa, barnootas barattu” jedhanii barattoota dhaabbilee olaanoo kana gowwomsanii deemuu barattoonni kunneen itti dabaluun ibsanii jiru.

