Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mootiin gonfoo Sa’uud Arabiyaa haleellaa Israa’el Gaazaa fi Libaanos irratti raawwatte balaaleffate

ONM-ABO Sadaasa 12, 2024 

Mootiin gonfoo Sa’uud Arabiyaa Mohaammad bin Salmaan haleellaa Israa’el Gaazaa keessatti raawwattee fi mirga abbaa biyyummaa Libaanos sarbuu irratti mormii Mootummaa Wiixata kaleessaa haaromsan.

Yaa’ii addaa Arabaa fi Islaamaa, kan Riyaad qopheesse irratti ibsa baniinsaa kennaniin, tattaaffii gargaarsaa dhaabbileen gargaarsa namoomaa Gaazaa keessatti taasisan gufachiisuu balaaleffachuun, gahee Abbaa Taayitaa Falasxiin hir’isu kamiyyuu  didaniiru.

“Mootummaan kun tattaaffii gargaarsaa Mootummoota Gamtoomanii Baqattoota Falasxiin Baha Dhihoo keessatti naannoo Falasxiin keessatti gargaarsa taasisuu, akkasumas hojii dhaabbileen gargaarsa namoomaa ummata Falasxiiniif gargaarsa kennan gufachiisuu ni balaaleffata,” jedhe mootichi.

Hawaasni addunyaa “gocha Israa’el obboloota keenya Falasxiin fi Libaanos irratti fudhachaa jirtu hatattamaan dhaabuu qaba” jedhan mootiin gonfoo kun, duula Israa’el Gaazaa keessatti geggeessitu “duguuggaa sanyii” jechuun ibsaniiru.

Itti fufee akkas jedheera: “Operaashiniin waraanaa Israa’el naannoolee Libaanos irratti xiyyeeffate ni balaaleffanna, waan tasgabbii fi nageenya Libaanos balaadhaaf saaxilu akkasumas waan qulqullina naannoo ishee sarbu ni dinna jedhan.

“Israa’el namoota qulqulluu irratti tarkaanfii yakkaa itti fuftee fudhachuu ishee, qulqullummaa Masjiida Al-Aqsaa cabsuu ishee fi gahee murteessaa Abbaan Taayitaa Falasxiin naannoo Falasxiin hunda keessatti qabu xiqqeessuu isheen mirga seera qabeessa ummata Falasxiin mirkaneessuu fi nagaa naannoo uumuuf tattaaffii taasifamu gufachiisa.  ”

Mootiin gonfoo kun haleellaa Iraan irratti raawwatamus balaaleffachuun hawaasni addunyaa Israa’el irratti dhiibbaa gochuun “abbaa biyyummaa Rippabiliika Islaamaa Iraan” akka kabajju fi tarkaanfii diinummaa naannoo ishee irratti raawwatamu hunda akka dhaabdu dubbataniiru.

“Obboloota keenya Falasxiin fi Libaanos waliin dhaabbanna” jechuun, barbaachisummaa mootummaa Falasxiin hundeessuun waan cimsaniif, Falasxiin miseensummaa guutuu UN argachuuf ulaagaa guutuu akka qabdu irra deebi’anii dubbataniiru jechuun Arabs news gabaaseera.

Exit mobile version