Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee Aanaa Malkaa Bal’oo irraa dargaggoonni mancaan milishoota PP lama ajjeesuun ibsame

ONM-ABO Sadaasa 15, 2024 

Dargaggoonni Oromoo irree isaanii cimsuun yeroo adda addaatti mootummoota garboomfatoo impaayerattii irratti fincila diddaa harka duwwaa geggeessuun injifannoo boonsaa galmeessaa turan itti fufuun har’as bifuma walfakkaatuun kutaalee Oromiyaa cufa keessatti gama isaaf mijatu maraan lukkeelee bilxiginnaa irratti haleellaa fudhachuu cimsee jiraachuun ifoomeera.

Torban darbe keessa aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Gaaddisa Odaa jedhamu irraa dargaggoonni mancaan itti ba’uun milishoota bilxiginnaa 2 ajjeesuu jiraattonni araddicha irraa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattootni ibsanitti, tarkaanfiin walfakkaatoon osoo dargaggoota Oromoo hundaan ergamtoota bilxiginnaa irratti fudhatamee dargaggoota humnaan gara mooraa leenjii waraanaa PP’tti guuruun kan hin jirre ta’uu fi tarkaanfii laalessaa lukkeelee bilxiginnaa irratti fudhataniin milishonni PP 2 du’uu isaaniitti kan haamilee argatan ta’uu itti dabaluun ibsanii jiru.

Exit mobile version