Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Gubbaa Qorichaatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Sadaasa 15, 2024  

Duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti sababa tokko malee geggeessaa kan jiru waraanni faashistii Bilxiginnaa dinagdee Oromoo quucarsuuf jecha sababoota garaa garaa itti tarreessuun hidhuu, reebuu, saamuu fi qabeenya barbadeessaa jiru.

Godina Baha Harargee aanaa Gubbaa Qorichaa araddaa 20 jedhamu keessaa qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Ibsaa Adam jedhamu torban darbe keessa ergamtoonni sirnichaa sobaan yakkanii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Obbo Ibsaan nama siyaasa tokkollee hin hordofne ta’us maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun dararaa kan jiranii fi achi keessaa baasuuf ergamtoonni bilxiginnaa qarshii hedduu gaafataa jiru.

Akkuma aanichaatti yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata irratti raawwachaa kan jiruu fi jiraattonni hedduun dirqamaan gara leenjii milishummaatti guuramaa jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version