ONM-ABO Sadaasa 15, 2024
Haleellaa Israa’el Kamisa kaleessaa magaalota mana jireenyaa hedduu naannoo magaalaa guddoo Siiriyaa Damaasqootti argaman irratti raawwatteen namoonni 15 du’uu fi 16 madaa’uu dhaabbati oduu mootummaa SANA jedhamu madda waraana Siiriyaa wabeeffachuun gabaaseera.
Gamoonni kunneen naannoo magaalaa Mazzee fi Qudsayaa, lamaan isaanii iyyuu dhiha magaalaa guddoo biyyattiitti akka argaman gabaasni SANA kun ni mul’isa.
Raadiyoon waraana Israa’el akka jedhetti, haleellaan Damaasqootti raawwatame waajjira muummee garee hidhattoota Falasxiin Jihaada Islaamaa fi qabeenya biroo jedhee ibse ta’uu ibsuun, dhimma kana irratti bal’inaan hin ibsine.
Israa’el waggootaaf Siiriyaa keessatti bakka Iraan waliin hidhata qabu irratti haleellaa raawwachaa kan turte yoo ta’u, erga bara darbe Onkoloolessa 7 gareen Falasxiin Hamaas dachee Israa’el irratti haleellaa lola Gaazaa kakaaseen booda haleellaa akkanaa cimsitee jirti.
Ajajoonni garee hidhattoota Hizbullaa Libaanos fi Eegdota Warraaqsa Iraan kan teessoo isaanii Siiriyaa godhatan Mazzee keessa jiraachuun isaanii beekamaa akka ta’e jiraattonni haleellaa dhiheenya kana gareewwan kana keessaa namoota ijoo tokko tokko ajjeese booda baqatan himaniiru jechuun Arab NeWS gabaaseera.

