ONM-ABO Sadaasa 16, 2024
Osoo beekaniis ta’e, osoo hin beekin yookaan ammoo dirqiidhaan waraana ta’anii cubbamtuu impaayera Itiyoophiyaa tajaajilaa kan jiran Sabaa fi Sab-llammoota dabalatee sabboontonni ilmaan Oromoo qabsoo bilisummaa Oromootti amanan miseensonni waraana Bilxiginnaa waamicha ajajaa Olaanaan ABO-WBO Jaal Marroo Dirribaa Lammeessaa yeroo adda addaatti taasisaafii jiran kabajuun guyyaa guyyaan golee Oromiyaa cufa keessaa gooticha WBO’tti karaa nagaa harka kennachuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan miseensi Raayyaa Ittisa impaayerattii tokko godina Baha Wallagga aanaa Saasiggaa keessaa gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuun barameera.
Miseensi waraana PP harka kennate kunis kanaan dura fedhii isaa malee dirqamaan ukkaamfamuun leenjii waraanaa gahaa tokko malee waraanummaan impaayerattii tajaajilaa kan ture, Sadaasa 14, 2024 aanaa Saasiggaa mooraa waraana Bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Baloo irraa qawwee dachaatuu AKM tokko, rasaasa 90 fi boombii harkaa F1 2 qabachuun mooraa PP ganee WBO bira nagaan ga’uun himamee jira.
Kara WBO simannaa isaaf taasifameetti kan gammade miseensi loltuu PP kun, holola Bilxiginnaan afarsitu soba ta’uu baree kabaja namummaa WBO’n dhala namaaf qabu hubadheen sodaa tokko malee harka kennachuu murteessee dhufe jedhe.
Dhuma irrattis hiriyyoota isaa mooraa diinaatti hafaniin, qawwee diinaa baattanii du’a seenaa hin qabne du’uu irra kallattii isiniif danda’ame maraan qawwee keessan qabadhaa ilmaan haqaa WBO’tti harka kennachuun gara mana keessaniitti galaa jireenya dhuunfaa keessanii jiraadhaa jechuun dhaameefii jira.

