Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Poolisiin Arjentiinaa yaalii fonqolcha mootummaa Biraazil irratti nama geggeessuuf ture to’annoo jala oolche

ONM-ABO Sadaasa 16, 2024 

Poolisiin Arjentiinaa Kamisa darbe nama bara darbe Biraazil keessatti yaalii fonqolcha mootummaa hogganaa duraanii Jayir Bolsonaro deggaruuf raawwatame irratti barbaadamaa ture to’annaa jala oolcheera.

Joyelton Gusmaayoo de Oliveeyira, lammii Biraazil ganna 47, Arjentiinaa La Plata, Booyenas Ayires irraa kibbatti kiloomeetira 60 fagaattee argamtutti to’annoo jala ooluu isaa ibsi poolisii ni mul’isa.

Ibsi poolisii kun Biraazil kanaan dura ajaja dabarsitee kennuuf “hidhamuu fi tursiisuu” akka baafte ibseera.

Ji’a Guraandhalaa keessa manni murtii Biraazil Gusmaa’oo de Oliveeraaf yaalii fonqolcha mootummaa fi qaamolee yakka kanaan walitti hidhaman bakki inni jirretti hidhaa waggaa 17 itti murteessee ture.

Aktiivistoonni deggertoota Bolsonaroo kumaatamaan lakkaa’aman Amajjii 8, 2023 masaraa pirezidaantii, Kongireesii fi Mana Murtii Olaanaa weeraruun, pirezidaantii bitaa haaraa filataman Luwiiz Inaasiyoo Luulaa da Silvaa aangoo irraa kaasuuf humnoonni hidhate gidduu seenuun gaafatan.

Marsariitiin oduu Biraazil UOL akka jedhetti Gusmaa’oo de Oliveeraan biyya baqaatti waraqaa isaa haaromsuuf osoo yaaluu qabame.

Ji’a Onkoloolessaa keessa mootummaan Arjentiinaa seera lammiileen biyya alaa “yakka ciccimoo” irratti himataman ykn itti murtaa’e baqattummaa akka hin arganne dhorku fooyyessee ture jechunun AFPn magaalaa guddoo Arjentiinaa Booyenes Ayires irraa gabaaseera.

Exit mobile version