Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Dirree Incinniitti waraanni garboomfataan PP nama nagaa tokko haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuun himame

ONM-ABO Sadaasa 21, 2024 

Waraanni maafiyaan PP goleewwan Oromiyaa cufa keessatti duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwatan jabeessanii ittuma fufuun, godina Lixa Shaggar aanaa Dirree Incinniitti nama nagaa tokko haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuun himamee jira.

Aanaa Dirree Incinnii ganda Karraa bakka addaa Garjeeda jedhamu keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa Sadaasa 18, 2024 badii tokko malee nama maqaan isaa Dhaabaa Warquu jedhamu rasaasa itti roobsuun haala rifaasisaa ta’een ajjeesanii gatanii deemuu jiraattonni ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattotni himanitti, namni kun hirmaannaa siyaasa qaama kamiiyyuu kan hin qabnee fi sababa sobaa “hidhata WBO qabda” jedhuun ajjeefamuu himaniiru.

Kana malees loltoonni PP ajjeechaa kana erga raawwatanii booda namoota baay’inni isaanii digdamaa ol ta’an kanneen maqaan isaanii yeroof adda hin baane ammoo qabanii mana hidhaatti darbatanii jiraachuu dubbatu.

Exit mobile version