Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Bulchiinsi waraanaa Maalii Jeneraal Abdoulaayyee Maggaa muummicha ministeeraa haaraa muude

ONM-ABO Sadaasa 22, 2024 

Jeneraal Abdoulaayyee Maaggaa Kamisa kaleessaa bulchiinsa waraanaatiin muummicha ministeeraa haaraa Maalii ta’uun muudaman.

Muudamni isaanii kun kan dhufe yeroo bulchaan waraanaa Jeneraal Assimi Goyita qeeqa bulchiinsa waraanaa irratti hin baramneef muummicha ministeeraa siiviilii Chogu’el Kokalla Mayiga hojiirraa ari’anitti.

Mayigaan mootummaa isa dhumaa aangoo irraa bu’e jalatti ministeera mootummaa fi bulchiinsa naannoo turan.

Maaliin erga fonqolcha mootummaa walduraa duubaan bara 2020 fi 2021 raawwatameen booda waraanaan bulaa turte.

Bulchiinsi waraanaa baatii Waxabajjii 2022 keessa filannoo gaggeessuu fi aangoo lammiilee nagaaf akka deebisu dhuma Amajjii 2024tti waadaa gale garuu sana booda sagalee kennuu yeroo hin murtoofneef dabarseera.

Sabni Afrikaa Dhihaa kun bara 2012 irraa eegalee rakkoo siyaasaa fi nageenyaa keessa kan seene yoo ta’u, haleellaa gareewwan hidhatee fi humnoota biraa kaabaa keessatti lolan irraa rakkoon nageenyaa isa mudateera jechuun Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version