Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudeetti lukkeeleen Bilxiginnaa jiraattota saamuu fi ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Sadaasa 27, 2024 

Loltoonni Bilxiginnaa gama isaaniif dandaa’ame maraan uummata Oromoo hacuucuu ittuma fufuun, godina Arsii Bahaa aanaa Suudeetti jiraattota saamuu fi ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Aanaa Suudee gandoota hunda keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa torban darbe keessa maqaa kaffaltii Buusaa Gonofaa jedhuun qarshii hanga humni isaanii danda’e saamaa kan turanii fi wayita ammaa kana immoo Sadaasa 25, 2024 irraa eegaluun maqaa gosa kaffaltii kan biroo Fannoo Diimaa fi ispoortii jedhuun gadi ba’uun nama tokko irraa qarshii 1,070 afaan qawween saamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Hawaasni ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne waan kaffalu dhabuun dararaa hamaa argaa jiraachuu maddeen himuun, namni qarshii jedhame kana hin kaffalle qarshii 5,000 adabama jechuun ergamtoonni sirnichaa doorsisa cimaa raawwachaa kan jiran ta’uu dubbatu.

Kana malees akkuma aanichaatti jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruun cimee itti fufee jiraachuun itti dabaluun ibsameera.

Exit mobile version