Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaa, Begii fi Sayyoo Nooleetti hidhaa, saamicha, gubaatii manneenii fi ajjeechaan lammiilee nagaa irratti raawwatu itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 27, 2024 

Haleellaawwan meeshaalee gurguddaan deggeramuun Oromiyaa keessatti waraana faashistii PP’n adeemaa jiruun osoo hawaasni lubbuu isaa fi qabeenya isaa itti dhabaa jiruu, waraanni lafoon gandoota baadiyyaa keessa bobbaafamaa jiran maqaa hidhata WBO qabdu jedhuun hawaasa saamuu, hidhuu, ajjeesuu, manneen irratti gubuu fi gochaalee biroo irratti taasisuu cimsanii itti fufaniiru. 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Geemii Gaabbaatti Sadaasa 25, 2024 Obbo Sharafaddiin Guutamaa jalaa mana isaa qabeenyaa waliin kan guban yoo ta’u, Obbo Waggaa Fiqaaduu jalaa ammoo sangoota 2 jalaa qalachuun nyaachuu fi ganda Kaabbachii Dummee keessattis Obbo Tarrafaa Galataa jalaa mana isaa qabeenyaa waliin gubanii akka deeman jiraattonni ONM’tti himaniiru. 

Oduu ajjeechaan wal qabatuun ammoo aanaa Begii ganda Lophii keessaa Sadaasa 25, 2024 qotee bulaa maqaan isaa Raamatallaa Sayid jedhamu yakka tokko malee rasaasa itti roobsuun kan ajjeesan ogguu ta’u, Nasirallaa Mahaammad ammoo saanjaan wawwaraanuun miidhaa jabaa irraan geessisuun mana isaa  balbalatti gatanii deemuun ibsameera.

Nasirallaan hanga gabaasni kun qindaayeetti lubbuun hafuun isaa baayyee kan nama yaaddeessu akka ta’es jiraattonni itti dabaluun ONM’f eeraniiru.

Aanaa Sayyoo Noolee ganda Oolmaa Abbaa Galmoo jedhamu keessaa ergamtoonni faashistii Abiy Ahimed maqaa ijaarsa gandaa jedhuun jiraattota irraa giddu-galeessaan nama tokko irraa qarshii 1500 afaan qawween guuraa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka jiraattonni himanitti, akkuma aanichatti lukkeeleen sirna nama nyaataa yeroo adda addaatti maqaa kaffaltii gosa garaa garaatiin hawaasa dararaa jiraachuu himuun, yeroo ammaa kana ammoo maqaa ijaarsa gandaa jedhuun maallaqa dabalatee meeshaalee ijaarsa manaaf oolan hunda dhiyeessaa jechuun rakkisaa jiraachuu dubbatu.

Exit mobile version