Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti waraanni Bilxiginnaa walitti dhukaasuun wal ajjeesuu fi wal madeessuun himame

ONM-ABO Sadaasa 28, 2024 

Akeekaa fi kaayyoo tokko illee kan hin qabne waraanni sirna dhableessi bututtuu impaayera Itiyoophiyaa yeroo garaa garaatti sababoota adda addaa kanneen akka: faayidaa dhuunfaa, sabaan wal qooduu akkasumas dhugaatii alkoolii dhuganii machaa’anii walitti dhukaasuun wal ajjeesaa fi wal madeessaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan Sadaasa 24, 2024 waraanni impaayerattii maqaa raayyaa ittisa impaayerattii jedhuun of waaman bulchiinsa magaalaa Jimmaa mooraa waraana Bilxiginnaa naannoo Saaris jedhamutti argamu keessatti sabaan wal qooduun dhukaasa wal irratti bananiin loltoonni 2 battalumatti yoo du’an, afur ammoo madoo ulfaataa madaa’uun Hospitaala magaalaa Jimmaa keessatti du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen amanamoo keessoo Bilxiginnaa magaalaa Jimmaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, sababni wal dhabdee isaanii gartuun dhalattoota Amaaraa ta’an finxaaleeyyii Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun of waaman yoo dhaadessan, gartuun sabaan Oromoo ta’an ammoo mormuu irraan kan ka’e ta’uu himuun, dhukaasa hamaa dabalataan guyyaa itti aanu walii isaanii irratti bananiinis gama lachuu irraa namni tokko tokko du’uu fi namoonni madaa’an arfanuu dhalattoota Amaaraa ta’uus dubbatu.

Exit mobile version