ONM-ABO Sadaasa 28, 2024
Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaa keessatti gubaatiin manneen jiraattotaa raawwatamuu fi ogeessota fayyaa ammoo mana yaalaa keessaa ari’uun qorichootas saamanii milishoonni PP qubsuma godhachuun barame
Hawaasa Oromoo hidhaa fi ajjeechaan jiilchuu, akkasumas siyaasaan mo’achuu kan dadhabe murni garboomfataan PP Koloneel Abiyi Ahimed, miira abdii kutannaatiin loltoota isaa qe’ee hawaasa nagaatti bobbaasuun gubaatii manneen jiraattotaa, ajjeechaa jumlaa, hidhaa fi saamicha qabeenyaa raawwachaa jiraniin cinaatti, ogeessota fayyaa hawaasicha tajaajilan reebanii manneen yaalaa keessaa ari’uun qorichoota saamanii manneen yaalaa ammoo buufata waraanaa taasifataniiru.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Ashawaatti Sadaasa 26, 2024 milishoonni sirnichaa mana yaalaa ganda Ashawaa keessaa ogeessota fayyaa reebanii ari’uun qorichootas saamanii mooraa waraanaa taasifachuun barameera.
Murni ani mootummaadha ofiin jedhu Bilxiginnaan hawaasa fayya qabeessa gochuuf qorichoota dhiyeessuufii osoo qabuu, faallaa isaa ammoo dhibdee siyaasaa maqaa dha’achuun maqaa deggartoota WBO’ti jedhuun loltoota isaa gara jabeeyyii itti bobbaasee ogeessota fayyaa reebuu, qorichoota jalaa saamuu, manneen yaalaa gara tajaajila waraanaatti deeffachuun yeroo hojjechaa jirantu argama.
Sadaasa 26, 2024 ganduma Ashawaa keessatti ergamaan Bilxiginnaa Adam Wadaddar jedhamuu fi milishoonni sirnichaa waliin ta’uun jiraataa gandichaa kan ta’e qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Ibraahim Huseen Mahaammad Siraaj jedhamu mana isaa 2 mi’a mana keessaa tokkollee osoo hin baafatin ibidda itti shiduun gubanii yoo barbadeessan, isaa fi maatii isaas dhukaasa irratti bananii garmalee reebuun yeroo ammaa gandicha keessaa ari’anii baasaniiru.
Obbo Ibraahim qonnaan bulaa fi abbaa maatii ta’uu isaa jiraattotni gandichaa dubbisne himuun, hidhattootni sirnichaa garuu maqaa hariiroo waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun manneen jalaa gubanii bakkeetti hambisuun, isaaf maatii isaallee dhukaasa irratti banuun reebanii addaan bittimsuu maddeen keenya gamasii dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

