Gumiin Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo – Waraana Bilisummaa Oromoo (GS-ABOWBO) walgahii isaa idilee Sadaasa 28, 2024 haga Mudde 6, 2024 guyyoota sagaliif gaggeeffatee milkii fi injifannoon xumurachuun murtii fi kutannoolee armaan gadii dabarsee jira. Walgahiin kun hojiilee Dhaabaa hojjetaman, naamusa hojii, rakkoolee caasaa fi waraana keessa turan bal’inaan gamaaggame jira. Akkasumas, haala siyaasaa, dinagdee fi waraanaa kan Oromiyaa, Itiyophiyaa, Gaanfa Afrikaa fi idil-addunyaa xiinxaluun toftaa fi tarsiimoo hordofamuu malu lafa kaahee jira. Keessattuu dhiibbaa siyaasaa fi dhiittaa mirga dhala namaa mootummaan Itoophiyaa amma aangoo of harkaa qaba jedhuun uummatoota biyyattii, keessattuu Ummata Oromoo irraan gahaa jiru gadi fageenyaan irratti marihachuun kallattii kaahee raawwii isaaf Koreen Hojii Raawwachiistuu ABO-WBO akka irratti hojjettu ajaja dabarsee jira.
Ajajooti WBO murtii jallinaa WBO irratti bara 2018 fi 2019 dabarfame dura dhaabbachuun kaayyoo jaallan irratti wareegaman tiksuun kaayyoo ABO fi humna WBO walitti fiduun bakka tokkotti ABO-WBO jalatti hogganuu eegaluun humna WBO jabeessuun sadarkaa funyaan Finfinnee jalatti loluun, baadiyyaalee fi magaalaalee keessatti diina afuura dhorkuun gaaffiin Oromoo dhageettii guddaa akka argatu, impayerittiinis dirqamtee gaaffii saba Oromoo akka caqastu fi sadarkaa dirree diplomasii idil-addunyaatti beekamtii argatee bakka qaamni sadaffaan jirutti marihatamu dandeessiseef beekamtii kennee jira.
ABO-WBOn qabsoo uummatni Oromoo bilisummaa fi walabummaa isaa goonfachuuf gaggeessu kan hin sharafne ta’uus hojiin mirkaneesse. Kijiba impayerittiin hawaasa idiladdunyaatti afuufaa turtes hubachiisuun gaaffii siyaasaa Oromoo karaa nagaa furuuf qophii akka hin taane fuula addunyaatti saaxilee jira. Murna afaan qawweetiin uummata Oromoo ukkaamsee yakka waraanaa fi sarbama mirga dhala namaa raawwachaa jiru kana afaan qawweetiin falmachaa daandiin ittiin gaaffii Oromoo inni bu’uuraa ittiin deebii argatu yoo jiraate balballi keenyi nagaan rakkoo sabaa furuuf banaa ta’uus irra deebiin akeekeera.
GS-ABO-WBO gaaffiin saba keenyaa kan deebii argachuu dandahu, Oromoon humna gaaffii isaa gitu yoo qabaate qofaa dha ejjennoo jedhuun qabsoo hidhannoo dirree irraa jabeessee jiruun, milkiilee jajjaboo galmeessuun adeemsa qabsichaa kan dirree waraanaa, siyaasaa, diplomaasii, diddaa uummataan geggeessaa jiru kan jabeessee itti fufu ta’uu jala muree jira. Guddina WBOf kan qooda ol’aanaa qabu ammoo hirmaannaa, gahee fi deeggarsa uummata Oromoo guddeessa ta’uu beekamtii kennuun GS-ABO-WBO uummata Oromoo guddeessa galateeffachaa akka kanaa olitti ijaaramus waamicha godhee jira. Ummatni Oromoo biyya keessaa fi alaa qabsoo hidhannoo ABO-WBOn gaggeessaa jiru jabeessuuf hirmaannaan jaarmayaa ABO-WBO keessatti qabdan akka dachaan guddistan, naamusaa fi cichoomina qabsoo eegalle kana akka jabeeffannuu fi kaayyoo ABO-WBO milkeessuuf ciminaan akka irratti hojjetamu GS-ABO-WBO qajeelchee jira. Kanatti dabalee beektotaa fi Abbootiin qabeenyaa Oromoo qabsoo kana milkeessuu keessatti qooda murteessaa qabaachuu isaanii hubattanii hirmaannaa isaanii olkaasuudhaan dirqama seenaa isaan irra jirtu akka bahatan ABO-WBOn addatti waamicha dabarsa.
Gama biraan GS-ABO-WBO haala paartii amma biyya bulchaa jiruus bal’inaan xiinxalee gaaffiin ummata Oromoo fi saboota biroo karaa nagaa ni deebifama abdii jedhu akka hin jirre jala harriiqee addeesseera. Hoggantooti Bilixiginnaa waadaa uummatoota biyyattii fi hawaasa addunyaaf seenan nyaachuu bira darbanii biyyittii dirree waraanaa godhanii jiru, kabajaa mirgoota dhala namaas yeroo dha gara yerootti hammeessan malee hin fooyyessine. PPn gaaffiilee karaa nagaa itti dhihaatan gara dabarsuu fi ukkaamsuuf humnatti gargaaramtee cal’isiisuuf yaaltus biyyattii gara wal waraansa dhuma hin qabneetti galchuurra darbee dhibdee siyaasaa furuu hin dandeenye. Mirgoota namoomaa kan bu’uuraa kan akka mirga ijaaramuu, bakkaa-bakkatti socho’uu, mirga walgahii Ummataa gaggeessuu, jaarmayaa barbaadan deggeruu ykn mormuu fi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu hunda ukkaamsuun itti fuftee jirti. Maqaa ol’aantummaa seeraa kabachiisa jedhuunis uummata irratti lola labsitee miidhaan ulfaataa irraan gahaa jirti. Biyya seerri uummataan fudhatame hin jirre keessatti fi biyya hogganni uummataan hin filamne keessatti ol’aantummaan seeraa kabajamus kan hin jirre ta’uus hubachiisa.
Haala kanaan karoora Diinni ‘bulchuunis buluunis ganda’ jettee caasaa mana hidhaa haaraa uummata keenya irratti diriirsuuf dhamaatu xiinxaluudhaan tarkaanfii malu fudhachuu akka jabeessee itti fufu qajeelchee jira. Gaaffiilee Ummataa belbeltuu kan ta’an kan akka rakkoolee nageenyaa, siyaasaa, haqaa, dinagdee fi hawaasummaa furuu irratti akeekkatan adda baafate, mala ittiin furmaata itti barbaadanis lafa kaayyate jira. Dhimmoota xiyyeeffannaan itti kennamee marii bal’aan irratti adeemsifame keessaa tokko dhimma PPn shororkaa uummata keenya keessatti dhalchuuf uummati keenya gorraasisaa jirtuuti. Kunis akkaataa itti furmaata argatu GS-ABO-WBO kallattii kaahee rawwii isaafis koree hojii raawwachiistuu ABO-WBOtti qajeelchee jira.
Wayta ammaa kana tokkummaa saba Oromoo qooduuf shirri xaxamaa jira. Haala kanaan mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti lootee seentota galchuun akka Oromoon qabsoo isaa irraa of duuba deebihu dabni hojjetamaa ture fashalee jira. Boji’amtoota impayerittii duraanii fi ammaa, lootee seentota duraanii fi ammaa marti kan maqaa Oromoo dhahatanii Oromoo ganda, kutaa fi amantiin qoqqooduuf dhama’an tokkolleen ABOs ta’e WBO akkasumas uummata Oromoo guddeessa kan bakka hin buune ta’uu fi warra fedhii bubutuu dhuunfaa isaanii malee kaayyoo saba guddaa kana of harkaa hin qabne ta’uu GSABO-WBO hubachiisa.
Lootee seentoti mooraa diinaatti galan lola biraaf qopheeffamaa jiru, lakkoofsa isaaniis ol kaasanii dhiheessuunis maqaa isaaniitiin DDR gaggeessina jedhanii faranjii irraa dolaara ittiin Oromoo lolan kadhachuuf akka jiran maddeen qaruuxee keenya mirkaneessanii jiru. Warra ofumaa hidhachiisanii uummata Oromoo irratti yakka hojjechaa turan, amma ammoo ni hiikkachiisna jedhanii faranjii irraa horii kadhachaa jiraachuun mootummaa hattuu fi kadhattuu kun kan naamusa tokkollee hin qabne ta’uu agarsiisa. Yakkamtooti akkasii yeroo mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessaa bahan mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ni xaliilcha. Qabsoo sabichaas ni jabeessa! Diraamaa isaan hojjechaa jiranis uummata keenya biratti hubatamee itti qoosamaa jira.
Jaarmayaan ABO-WBO mormiin inni qabu sirna cunqursaa irratti malee saba ykn amantaa kam irratti iyyuu xiyyeeffatee hin beeku. Tahuus hin danda’u. Aadaa mootummootni impayara Itoophiyaa Sabaa fi Sab-lammoota walitti buusuun toftaa dulloomaa qoqqoodanii bituu itti dhimma bahan hubachuudhaan Sabaa fi Sab-lammootni biyyattii keessa jiran olola summii of-keessaa qabu kan ABO-WBO fi Ummata Oromoo irratti oofamaa jiruun osoo hin dagamne hariiroon obbolummaa cimaa Ummata Oromoo fi Saboota biroo gidduutti akka ijaaramu waamicha keenya dabarsina. Toftaa hokkolaa PPn lola cinaa (horizontal conflict) uummata keenya keessa galchuuf tattaafattus fashalsaa qabsoo keenya kan mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu irratti fuulleeffannuu fi of dura tarkaanfannu waliif akeekna.
Oromiyaa keessatti hidhaa, dararaa, saamichaa fi buqqa’iinsa adeemsifamaa jiruu fi jireenya Ummata Oromoo dhabamsiisaa jiru akka dhaabbatu, marfama uummati keenyi keessa seenee jiru akka irraa ka’u, waraanni itti fufiinsaan Oromiyaa keessa gaggeeffamaa jiru mirga Oromoo lubbuun jiraachuu dhorku waan ta’eef falmachuu irraa kan hafe filmaati biraa akka hin jiraanne akeekna. Akkasumas, Oromiyaa bakkoota hedduu fakkeenyaaf akka Shaggar Kaaba keessatti quunnamtiin internet erga kutamee booda yakki sanyii duguggaa kan raawwachaa jiran kanuma Gujii fi Wallagga, Walloo fi Matakkal keessatti dalagamee waliin kan wal fakkaatu ta’uu hubachuun Oromoon bakkaayyuu akka waliin dhaabbatu jajjabeessina.
Waraana biyya keessatti gaggeeffamu bukkeetti, haalli nageenyaa biyyoota ollaa kan Sudan, Somaliya fi Eritrea waliin jiru karaa nagaan hin xumuramu taanaan uummata keenya balaa guddaaf waan saaxiluuf Bilxiginnaan uummata keenya lola kanaan ficcisiisuuf ijoollee xixiqqoo osoo hin hafiin humnaan ukkaamsitee mooraa waraanaatti darbataa jirti. Qeerroo fi Qarreen akka barnoota hin baranne sirna barnootaa hammeessanii, bajata Yunivesitii kutuun cufanii, lammiin akka hojii hin arganne danqanii akka moonaa leenjii waraanaatti guuramee akka qoraan ibiddaaf qophaaheetti lolaaf qopheeffamaa jira. Uummati keenyi kanas sirnaan hubatee of irraa diduuf qabxii diddaa tokko akka ta’u akeekna.
ABO-WBOn rakkoolee olitti tarrifaman mara bifa itti furamuu qaban kallattii kaahuun irratti hojjechuuf murtii fi ejjennoo hin daddaaqamne qaba. Galma qabsoo keenyaafis bifa maraanuu kan murannoon hojjennu ta’uu murteeffaanne itti seenne, irratti cichinee afaan sirnichi hubachuu dandahuun dubbisuuf qophii tahuu keenya irra deebinee mirkaneessina. Kanaafis gufuu mirga dhala namaa kan ta’e kan rakkoo siyaasaa fi dinagdee saba kana irra jiru bakkaa kaasuun uummati Oromoo mirga hiree mataa isaa ofiin akka murteeffatu dandeessisu murannoo jabaa qabaachuu mirkaneessa. Sabaa fi sablammoota mirga hiree murteeffannaa uummattootaa dura hin dhaabbanne mara waliinis qabsoo keenya qindeeffanna!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Muddee 07, 2024

