ONM-ABO Muddee 10, 2024
Kutaalee impaayerattii cufa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffatanii sababa tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbachuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Magaalaa Baalee Roobee irraa torban darbe keessa dargaggoo maqaan isaa Arabuu Abdillaa jedhamu ergamtoonni sirnichaa sababa tokko malee Oromummaa isaa qofaaf hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, loltoonni Bilxiginnaa naamusa hin qabne kunneen dargaggoo kana badii tokko malee kan hidhan ta’uu himuun, dargaggoon kun siyaasa tokkollee kan hin hordofnee fi hojii dhuunfaa isaa irraa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun yakkanii waajjira poolisii magaalichaatti hidhanii jiraachuu maddeen itti dabaluun dubbataniiru.

