ONM-ABO Muddee 20, 2024
Doktooronni Daangaa Malee (MSF) gabaasa waldhabdee ji’oota 14f ture galmeessee Kamisa kaleessaa maxxanseen Israa’el Gaazaa keessatti “duguuggaa sanyii” raawwatte jechuun himate.
Gabaasni kun haleellaan hojjettoota MSF irratti raawwatame 41 kan galmeesse yoo ta’u, kunis haleellaa qilleensaa dhaabbilee fayyaa irratti raawwatamuu fi dhukaasa kallattiin konkolaattota gargaarsa namoomaa irratti raawwatame dabalateeti.
Dhaabbanni miti mootummaa kun yeroo 17 hospitaalotaa fi buufataalee fayyaa keessaa baasuuf akka dirqame ibseera.
“Flasxiinoonni humnaan buqqa’anii, kiyyootti galfamanii fi boombii darbatamuun miidhaman mallattoolee saba tokko qulqulleessuu ifa ta’an argaa jirra,” jedhan barreessaan olaanaa MSF Kiristoofer Lookyiir.
Israa’el duula Gaazaa keessatti raawwatte duguuggaa sanyii waliin wal gita jechuun himannaa dhiyaate irra deddeebitee kuffifteetti.
Gabaasni MSF mata duree “Gaazaa: Jireenya Kiyyoo Du’aa Keessatti” jedhuun baaseen goolamni naannoo Falasxiin gargaarsa namoomaa haalaan hir’isee jira, Onkoloolessa bara 2024tti guyyaatti konkolaattota fe’umsaa 37 qofa hayyamameef, waldhabdee dura 500 akka ture ibseera. Gabaasa addaa kaleessaa maxxanfame keessatti, Teessoon isaa Niiw Yoorkitti kan argamu Human Rights Watch Israa’el “gocha duguuggaa sanyii” itti yaadanii Falasxiinonni bishaan akka hin arganne daangessuudhaan naannoo Gaazaatti raawwachuuakeekeera.
Lolli Israa’el Gaazaa irratti geggeessite yoo xiqqaate namoota 45,097 kan ajjeese yoo ta’u, harki caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman akka ta’e lakkoofsi ministeera fayyaa naannoo sanaa kan Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii amanamaa jedhee fudhatu ni mul’isa.

