ONM-ABO Muddee 23, 2024
Abdii fi wanteen sabaa Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa korommiiwwan Gaara Cilaaloo halkan edaa Muddee 22, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa mooraa waraana faashistii PP ganda Soolee Digaluu keessatti rasaasan akaa’ee baarudaan macheessuun loltootaa sirna dulloomaa tiksuuf uummata nagaa hiraarsaa turte 8 irraa ajjeessuun 15 madeessee mooricha keessaa baqachisee baasuun injifannoo boonsaa galmeesee jira.
Haaluma wal fakkaatun halkanuma edaa Muddee 22 cichitoonni kaayyoo haqaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa aanaa Honqooloo Waabee magaalaa Maccituu jedhamtu keessatti mooraa waraana Abiy Ahimeditti marsuun rasaasaan waadee baarudaan macheessuun harcaatuwwan bilxigginnaa 10 irraa ajjeesuun 7 madoo dandammii hin qabneen adabuun rifatuu guddaa itti uumee jira.
#DuulaCichoominaKaayyoo
Ittii cabsii!
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

