Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeelitti waraanni faashistii PP dararaa hamaa ummata nagaa irratti raawwatu jabeessee jiraachuun barame

ONM-ABO Muddee 26, 2024 

Mootummaan impaayera Itiyophiyaa bara dhufaa darbaa Oromoo qe’ee isaa irrattii ajjeesaa, hidhaa, saamaa, duguuggaa sanyii irratti rawwachaa jiraachuun isaa beekamaadha.

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Ambaalloo Diillaatti muddee 24, 2024 dargaggoo Yoonaas Daanyee jedhamu jiraataa ganda Warra Jirruu Baarkoo kan ta’e saamanii reebicha hamaa irraan gahuun ija itti jaamsuun qaama hir’uu taasisaniiru.

Akka Maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti Uummanni godinichaa nagaan ba’anii  galuuf yaaddoo hamaa keessa galanii jiraachuu dubbataniiru.

Kana malees onicha keessatti saamichi, hidhaa fi ajjeechaan waraana garboomfataa PP’n hawaasa nagaa siyaasaa kam irraayyuu bilisa ta’an yakkanii dhaddacha dharaan qorqalbii cabsanii hiraarsaa akka jiranis ibsameera.

Exit mobile version