ONM-ABO Muddee 28, 2024
Gama isaaf danda’ame maraan Oromoof Oromiyaa balleessuuf dhama’aa kan jiru Bilxiginnaan, ergamtoonni isaa kutaalee impaayerattii hunda keessaa sabboontota ilmaan Oromoo adamsanii hidhuu, ajjeesuu fi dararuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Gidaamii ganda Afteer Saamboo bakka addaa Goloo jedhamu keessaa Muddee 22, 2024 shamarree Leeliyyaa Muusaa jedhamtu ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun mana hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM’f eeran.
Maddeen shamarreen kun siyaasa kam keessa kan hin jirre ta’uu eeruun, loltoonni Bilxiginnaa ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun hidhanii dararaa jiraachuu dubbatan.
Gandicha keessatti yakkoonni farra namoomaa garaa garaa hawaasa nagaa irratti raawwatu kan dur barameen olitti jabaatee itti fufee jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.

