ONM-ABO Muddee 28, 2024
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Eebbaa iddoo addaa Dugda Dheeraa jedhamu keessaa Muddee 26, 2024 nama maqaan isaa Obbo Geetuu Bantii jedhamu ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee mana jireenya isaatii ukkaamsuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Kana malees godinuma kana aanaa Jimmaa Arjoo ganda Waamaa Kuraa keessaas guyyaadhuma kana namoota maqaan isaanii:
- Raagaa Kitilaa,
- Birraatuu Kitilaa,
- Sooree Surraa,
- Waggaarii Dhiibbaa,
- Taaddasaa Siraataa fi
kanneen biroo hedduu ta’an osoo isaan dhukkubsataa gara ganda Sabbaduree jedhamutti yaalaaf geessaa jiranii gibiraa kaffalaa jechuun ukkaamsanii hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen itti dabaluun ONM’f eeran.
Oduu saamichaan ammoo torbee kana keessa Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Hundee Guddinaa keessatti sababa maqaan isaa hin beekamneen mana jiraattota maraa irraa nama tokko irraa qarshii 200 humnaan funaansisaa jiraachuu jiraattoonni rakkoon kun irra ga’aa jiru Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru

