Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuutti ergamtoonni PP lammiilee nagaa saamuu fi hiraarsuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Amajjii 3, 2025 

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu gandoota cufa keessatti ergamtoonni impaayera dinagdeen ishee laamsha’e suphuuf halkanii fi guyyaa ifaajan saamicha daangaa darbe raawwachuu hammeessuun, ganda Gungummii jedhamu keessaa yeroo darbe bakka ijaarsa waajjira gandaa bitna jechuun uummata gandichaa hunda irraa walii galaan qarshii 76,000 saamuun, ammas irra deebiin nama tokko irraa qarshii 5,000 afaan qawwee itti qabuun saamaa kan jiran ta’uu jiraattonni gandichaa ONM’f eeran.

Kana malees gandicha keessatti maqaa kaffaltii gosa garaa garaa itti dhahuun saamicha ulfaataa raawwatan hammeessuun, buusaa gonofaa jechuun nama tokkoo irraa qarshii 2500 fi kaffaltii gibiraa ammoo gadaanaan qarshii 6,000 olaanaan 10,000 guuraa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version