Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kaaba Shaggar keessatti saamichi hamaan milishoota murna Bilxiginnaan uummata Oromoo irratti godhamu kan duraa irra daran hammaatee itti fufee jira

ONM-ABO Amajjii 5, 2025 

Murni garboomfataan bara dhufaa darbaa barcuma siyaasaa wal harkaa fudhatu qabeenya Oromiyaa saamuu irra darbee qabeenya xiqqaa ilmaan Oromoo   of harkaa qaban sodaachisee humnaan irraa fudhachaa jira.

Godina Kaaba Shaggar aanaa Kuuyyuu ganda Dhaayee Willincoo jedhamu keessatti Amajjii 2, 2025 milishoonni fi kaadiroonni Bilxiginnaa wal tumsanii jiraattota  qabanii hidhuun maallaqa humnaa olii gaafachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen jedhanitti jiraataa gandichaa kan maqaan isaa Solomoon Haayilee jedhamu irraa qarshii 10,000 saamanii mana hidhaa irraa yoo gadi lakkisan, jiraattota kan biroo ammoo hidhuun hiraarsaa jiraachuun ibsameera. 

Dabalataan aanaadhuma kana ganda Darroo Willincoo keessattis badii tokko malee uummata nagaa: 

  1. Caalaa Taaddasaa fi 
  2. Damisoo Girmaa    irraa qarshii 2000 fudhachuudhaan 

namoota kanaan “akka isin hin hidhamne goona”  jechuun saamicha kana irratti geggeessuun beekameera.

Saamicha uummata irratti geggeessaa jiran kanas murnoonni Bilxiginnaa dhuunfaa dhuunfaatti hirachuu irratti wal dhabuun manneen hidhaatti wal guuraa kan jiran ogguu ta’u, addatti namni maqaan isaa Shallamaa Tafarraa jedhamu saamee saamsisaa akka jirus addeeffameera.

Exit mobile version