ABO-ONM Amajjii 8, 2025
Ilmaan Oromoo afaan qawween guuree fedha isaanii malee teessoo sirna moofaa impaayerattii akka tiksaniif guyyuu ukkaamsaa kan oolu Bilxiginnaan, leenjii ga’aa malee lola isaan hin ilaallannetti ergee lubbuu ijoollee Oromoo soora rasaasaa gochuu itti fufuu isaa jibbuun kanneen hammeenyaa fi diinummaa sirnichaa hubatan guyyuu hidhannoof qawwee isaanii qabatanii gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamaa jiru.
Amajjii 7, 2025 Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa magaalaa Garbaa irraa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko hidhannoo fi qawwee isaa fudhachuun sirna balfamaa kana jibbee gara qabsoo bilisummaa Oromoo ABO-WBO’n geggeeffamaa jiruutti harka kennatee jira.
Miseensi Waraana Bilxiginnaa harka kennate kun simannaa WBO’n isaaf taasisetti hedduu gammaduun, dogonggoraan osoo hin beekin sirna cubbamaa dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa oolu kanaaf qawwee baatee tajaajilaa turuutti ilmaan Oromoo dhiifama gaafachuun, kanneen sabaan Oromoo taatanii mooraa diinaa keessatti haftan mootummaa garboomfataa abbaa irree kanaaf meeshaa baattanii saba keessaniitti dhukaasuun homaa isin hin fayyaduu osoo yeroon jirtuu qabsoo bilisummaa saba keessaniif ABO-WBO’n geggeeffamaa jirutti hidhannoof qawwee keessan waliin akka makamtan jechuun dhaamsa isaa dabarfateera.

