Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaalee cufa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa kaffaltii gosa garaa garaan barattoota irraa maallaqa guuraa jiraachuun himame

ONM-ABO Amajjii 9, 2025 

Ergamtoonni qabeenya uummata Oromoo saamanii hin quufne gama isaaniif danda’ame hundaan hanga humni isaanii danda’u kan isaan maatii saaman itti xiqqaannaan, wayita ammaa kana ammoo saamicha bifa jijjiirrateen maqaa kaffaltii gosa garaa garaa barataatti dhahuun waan maatiin ittiin dhala isaa barsiifatu illee saamanii harka qullaa hambisuun akka ilmaan isaanii barnoota adda kutanii jiruu gadadoof saaxilaman taasisaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee cufa keessatti maqaa kaffaltii akka: Nyaata Barataa, Buusaa Gonofaa fi Ispoortii jedhuun yeroo ammaa kaabinoonni Bilxiginnaa manneen barnootaa hunda irratti ajaja dabarsuun barataa tokko irraa qarshii 240 dirqamaan irraa guuraa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees maqaa kaffaltii gibiraa fi kanneen biroon hawaasni godinichaa dararaa hamaa keessa kan jiru ta’uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version