Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Magaalaa Kamiseetti caasaaleen Bilxiginnaa lafti keenya hanna irraa bilisa ba’eera jedhanii wayita dubbatanitti, hojjettootuma isaaniin lafti magaalichaa saamamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Amajjii 10, 2025 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamiseetti itti gaafatamaan waajjira lafaa bulchiinsa magaalaa Kamisee Obbo Ahimed Haasim wayita lafti magaalichaa hojjettootuma isaaniin saamamaa jirutti soba dhugaa irraa fagoo ta’een gandoota magaalattii jiran keessaa gandoota ja’a gara sirnaatti galchineerra, bara 2013 irraa eegalee hojiin galmee lafa magaalaa Kamisee eegalame abbaan lafaa 1,6 41 tajaajila argachuu danda’aniiru jechuun yeroo dubbatan argina.

Garuu dhugaan lafa jiru lafti abbootii lafaaf kennamee tajaajila argate akka hin jirree fi hojjettootuma isaanii kan ta’an ammoo itti gaafatamaa waajjira galii magaalichaa Obbo Abdullaziiz dabalatee  Aliyyii Caffaa, Jamaal Qayyoo, Mahaammad Kamaal, Indiris Eddoo fi namoota maqaan isaanii hin eeramin waliin namoota 60 ta’anii wal gurmeessuun lafa magaalaa Kamisee saamaa akka jiran odeessi keessoo PP ba’e ni ifoomsa.

Itti aanaan Biiroo lafaa godinichaa Obbo Ibree Kabbadaa ammoo haasaa tibbana waltajjii irratti taasisaniin bulchiinsi lafaa keenya loogummaa fi hanna irraa bilisa ba’ee haqummaadhaan uummata tajaajilaa jira jechuun dubbatus lafa hojjettoota isaaniin saamamaa jiru hin kaafne, inumaa hanna irraa bilisa ba’ee haqummaadhaan hawaasa tajaajilaa jirra jedhanii dubbachaa turan.

Haa ta’u malee namni keessoo PP rakkoo nageenya isaaf maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko ONM’tti akka himetti, caasaaleen bilxiginnaa kun waltajjii irratti lafti keenya saamamaa hin jiru jedhanii dubbatanis, saamicha lafaa  yeroo ammaa geggeeffamaa jiru harka lafa jalaan isaanis keessa waan jiraniif yoo lafti hatamaa jira jedhanii dubbatan iccitiin isaanii jalaa waan ba’uuf soba dhugaa irraa fagaateen gurra wal duuchaa turan jechuun ibsa.

Exit mobile version