ONM-ABO Amajjii 9, 2025
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii roobii kaleessaa Israa’el tattaaffii gargaarsaa irratti daangaa cimaa kaa’uu ishee gabaasuun, Gaazaa keessatti haleellaa itti fufee jiru gidduutti lammiileen nagaa ”sadarkaa jeequmsaa suukaneessaa” keessa jiraachuu ibse.
Dubbi himaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Isteefan Dujaariik ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, “Miiltoowwan keenya Waajjira Qindoomina Dhimma Namoomaa (OCHA) irraa akka gabaasanitti, diinummaan guutuu Gaazaa keessatti itti fufee waan jiruuf, lammiileen nagaa Falasxiin jeequmsa sadarkaa suukaneessaa ta’e keessa jiruu,” jedhan.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi michoonni isaa Mudde 22 hanga Amajjii 4 gidduutti maatii 2,000 ol kibbaa fi giddu galeessa Gaazaa jiraniif gargaarsa akka kennan ibsuun, Dujarrik akka jedhanitti: “Bulchiinsa Gaazaa ofii isaatii maatii gara 200 ta’anis gargaarreerra” jedhan.
“Gama biraatiin ammoo, OCHAn akka gabaasetti, aangawoonni Israa’el bulchiinsa Kaaba Gaazaa, bakka Falasxiinonni guyyoota 90 oliif marfamanitti, dhaqqabuuf tattaaffii UNn durfamu haaluu itti fufaniiru,” jedhan.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii kaleessa yaaliin gargaarsaa kennu Israa’eliin akka dhorkamte eeruun, “Guutummaa Gaazaatti kaleessa, aanga’oonni Israa’el gaaffii keenya saddeet keessaa afur qofa haala mijeessanii sochii namoomaa qindoomina qabu Kanneen hafan ammoo sababa qormaata nageenyaan haqamaniiru.”
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii giddu galeessa ta’uuf kutannoo akka qabu irra deebi’ee kan mirkaneesse yoo ta’u, Falasxiinonni ammoo Israa’el dhaabbaticha diiguu fi dhimma baqattootaa dhabamsiisuuf kaayyeffatteetti jedhanii amanu.
Waraanni Israa’el murtoon Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhukaasa hatattamaan akka dhaabbatu gaafatus, Onkoloolessa 7, 2023 irraa eegalee lola duguuggaa sanyii naannoo kana irratti geggeessaa ture itti fufee jira jechuun France 24 gabaaseera.

