Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa Godina Bunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa keessatti lukkeelee PP’ irratti tarkaanfii laalessaa fudhate

ONM-ABO Amajjii 13, 2025

Impaayera bututtuu Xoophiyaa afaan qawweetiin ijaaramte diigee dhiigaa fi lafee isaatiin biyya Oromiyaa walaboomte ijaaruuf diina kokkee qabaa kan jiru irree fi gaachanni sabaa Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo karra shanan Finfinnee dabalatee golee Oromiyaa mara keessatti maqaa Itti Fufiinsa Duula Cichoomina Kaayyoo jedhuun tarkaanfii keessa deebii hin qabne waraana goolessituu Bilxiginnaa irratti fudhachaa jiru cimsee itti fufee jira.

Haaluma kanaanis guyyaa har’aa Amajjii 13, 2025 leenci adda gurraachaa WBO’n Zoonii Lixaa godina Bunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Cooree jedhamu keessatti barraaqaan mooraa waraana sirnichaatti cabsuun tarkaanfii fudhateen du’aa fi madoon adabuun injifannoo boonsaa galmeessaa jiraachuun beekamee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof❗

Exit mobile version