ONM-ABO Amajjii 13, 2025
Lakkoofsi namoota ibidda bosona Los Angeles mudateen du’anii gara 16tti ol guddateera. Sababiin isaas ibiddi hin boqonne kun guyyaa shanaffaaf walitti aansuun itti fufee jira jedhan qondaaltonni.
Duuti namoota shanii ibidda Palisades irraa kan ka’e yoo ta’u, 11 ammoo ibidda Eton irraa kan ka’e ta’uu waajjirri qorataa fayyaa LA County mirkaneesse.
Yoo xiqqaate ibiddi bosona afur ammallee guutuu Los Angeles County keessatti gubachaa jira.
Ibiddi kun hanga Sanbataatti lafa eekkara kuma 40 kan gube yoo ta’u, caasaa 12,000 ol kan barbadeessee namoonni 150,000 ol ajaja akka baqatan taasisee jira jechuun associated Press gabaaseera.

