Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dhaabbanni Tajaajila Awutoobusii Magaalaa Finfinnee maqaa “Ulaagaa hin guunne” jedhuun namoota 480 hojii irraa Ariyuun uummanni rakkoof saaxilaman

ONM-ABO Amajjii 16, 2025 

Mootummaan Faashistii PP dinagdee biyyattii gara humna waraanaatti naannessuun hojjettootaaf sadarkaa miindaa kaffaluu dadhabuu irra gaheera. Sababa kanaan yeroo hedduu irra deddeebiin maqaa garaa garaa fi sababa adda addaa itti moggaasuun hojjettoota miindaa isaanii saamuu hanga hojii idilee irraa ari’uu irratti raawwachaa turuun ni yaadatama. 

Oduuma wal fakkaatuun Bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti Dhaabbanni Tajaajila Awutoobusii Magaalaa Finfinnee hojjettoota 400 maqaa “sirreeffamaa fi ramaddii” jedhuun ji’a Amajjii 2025 irraa kaasee hojii irraa gaggeessuun barameera.

Waggaa 2 dura dhaabbata kana keessatti maqaa “Tajaajila foyyaa’aa kennuu” jedhuun waggoota 70 ol tajaajila geejjibaa Finfinneef dhiyeessaa kan ture Anbassaa Baas fi Geejjibni Ummataa Shaggar walitti makamuun dhaabbata misoomaa hudeessina jechuun “Rifoormii” gaggeessina jedhee hojjettoota “karaa sirrii hin taane” jedhuun akka isaaf ta’utti hojjettoonni hojii irraa ari’amuun isaanii ni yaadatama.

Dhaabbatichi bara darbe “ramaddii hojii hoji-gaggeessitootaa, akkasumas raawwii” qajeelfama jedhu kan baase yoo ta’u, akka qajeelfama kanaatti “qorannoodhaan” caasaa haaraa qopheesseera. Qajeelfamicha yeroo hojjetoonni akka hubatan godhametti qormaata kennee qormaaticha darbuu yoo baatan illee sadarkaa tokko gadi butamanii hojii isaanii akka itti fufan abdachiifamanii turan.

Haa ta’u malee boodarra  qormaaticha warri darbanis, warri hin darbin, hojjetoonni muuxannoo hojii qaban “akeekkachiisa tokko malee” hojii irraa geggeeffamaniru. Lakkoofsi hojjetoota hojii irraa ari’amanii kunis 480 Akka ta’u hojjetoonni yoo dubbatan, dhaabbatichi garuu waakkachuun hojjetoota 382 qofaa amaneera.

Hojjettoonni hanqina qophii barnootaati akka hin jedhamne, namoonni digirii qabanuu baayyeen akka jiraanii fi Muuxannoo hojiidha akka hin jedhamneef immoo muuxannoo hanga waggaa 34 dhaabbaticha keessaa kanneen hojjetan keessaa ari’amuun beekameera. Xalayaan isaan ittiin gaggeeffaman, “ulaagaa waan hin guutneef” kan jedhu qofadha.

Hojjattoonni hojjii irra gaggeeffaman kunis mirga isaanii kabachiifachuuf gara dhaabbata Abbaagaarii fi Konfadareeshinii Waldaalee Hojjattootaatti iyyataniis furmaata akka hin arganne maddeen keenya addeessaniru.

Exit mobile version