ONM-ABO Amajjii 16,2025
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti Itti Fufiinsa Duula Cichoomina kaayyoon zooniilee waraanaa hunda keessatti fudhachaa jiruun injifannoo boonsaa galmeessaa jira.
Haaluma kanaan ganama kana Amajjii 16, 2025 WBOn Zoonii Lixaa Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Amayyaa ganda Arjoo bakka addaa Gabaa Sanbataa keesatti mooraa waraana maafiyaa Bilxiginnaa irratti fudhateen loltoota Abiy Ahimed 65 ajjeesuun 74 madeessee 9 harkaan qabee jira.
Tarkaanfii akka bakakkaa ganama kana jajjabeen abdii sabaa goolessitoota irratti buuseen loltoota miidhaan irra ga’een alatti qawwee AKM 20, dishqaa 1, Bireena 3 fi rasaasa PKM 2000 irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.
Duulli Itti Fifiinsa Cichoomina Kaayyoo kun WBOn Zoonii Kibba Bahaa keessattis jabaatee itti fufuun Godina Arsii Lixaa aanaa Heeban Arsii ganda Ambaa Goda Sadee iddoo addaa Heebanoo jedhamutti Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa barii barraaqaan diina gandicha keessa qubattee hawaasa dararaa turte mooraa isheetti itti cabsuun du’aa fi madoon adabee jira.
Aanichuma ganda ganda Dagaagaa iddoo addaa Daalalee jedhamutti Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa daandii guddaa Arsii Lixaa fi Bahaa wal qunnamsiisu irratti tarkaanfii fudhatee jira.
Tarkaanfiin WBOn fudhataa jiru kanaan hanga ammaatti Dishqaa 3 dabalatee meeshaalee waraanaa Bireena, isnaayippera, AKM, boombii, rasaasaa fi uffanni dugda diinaa irraa hiikamee loltootni Bilxiginnaa kurnanootaan booji’amuun mooraan bilisummaa Oromoo injifannoo cululuqaan faayamee jira, Daandiin Ethio Djibouti’s cufamee jira.
Lolli Bilisummaa finiinee itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

