Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Caffaa Roobititti lukkeelee Bilxiginnaan marsaa 3’ffaaf maqaa waraqaa eenyummaa jedhuun saamichi daldaltoota irratti raawwatamuun dhagaa’ame

ONM-ABO Amajjii 17, 2025 

Uummanni Oromoo aanaa Harxummaa Fursee weerara Finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo fi murni Bilxiginnaa waliin ta’uun yeroo adda addaatti irra deddeebiin irratti bananiin jiraattotni danuun qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqqifamuun qabeenyaan isaanii hedduunis kaan saamamuun, gariin ammoo kan barbadaa’e yoo ta’u,  sababa kanaanis jiraattotni danuun of jireessuuf jecha magaalaatti galanii  dalagachuu fi hojii daldalaa irratti argamu.

Lukkeeleen Bilxiginnaa ammoo kanuma bu’uura godhachuun jiraattota aanaa Harxummaa Fursee baadiyyaa irraa magaalaa Caffaa Roobitiitti galanii fi jiraattota magaalichaa mara irraa maqaa waraqaa eenyummaa hin qabdan jedhuun guyyaa Roobii torbanoota lamaan darban qarshii 100 fi 200 daldaltoota harkaa saamaa turuu akkuma gabaasnee turre ammas Roobii dheengaddaa Amajjii 15, 2025 magaalichuma keessaa hidhattootni sirnichaa maqaa waraqaa eenyummaa hin qabdanii fi haaromsaa hin jirtaniin qarshii 200 jiraattota irraa saamaniiru.

Daldaltootni magaalaa Caffaa Roobit dubbisne tokko tokko akka jedhanitti, hattootni murna Bilxiginnaa waraqaa eenyummaa oggaa nu gaafatan yeroo itti agarsiisnu hin haaressine jechuunis qarshii 200 tokko tokkoon keenya irraa saamaa jirus jechuun dubbatu.

Dabaluun akka himanitti, nuti baadiyyaatti ergamtoota maafiyaa PP fi Faannoon qe’ee fi qabeenyaan keenya barbadaa’ee lubbuu keenya oolfachuuf jecha magaalaatti gallee hojii guyyaa hojjetachuu fi daldalachuuf carraaqaa turre, garuu akka yaadne hin taane saamichi jabaachuunis yaaddoo jireenyaa nutti ta’e jechuun miira gaddaan guutameen ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version