ONM-ABO Amajjii 22, 2025
Kutaalee impaayerattii cufa keessatti waraanni goolessituun PP sababoota garaa garaa wabeeffachuun ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabdu” jedhuun akka bineensa bosonaatti adamsee ajjeesuu, hidhuu fi saamichaan illee dararaa jiraachuun ni beekama.
Jiraataa aanaa Daarimuu ganda Beenaa Tokkoffaa kan ta’e nama maqaan isaa Maammad jedhamu Amajjii 18, 2025 poolisoonni Bilxiginnaa badii tokko malee magaalaa Daarimuu keessatti boqqolloo konkolaataa FSR tokko guutuu osoo inni fee’atee deemaa jiruu jalaa saamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namni kun nama nagaa hojii dhuunfaa isaa qofa hojjetatee jiraatuu fi siyaasa kam keessas hin jirre ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun saamicha hamaa kana irraan gahuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
