ONM-ABO Amajjii 24, 2025
Wal waraansa qaamota hidhatanii jiran waliin geggeessaa jiruun diinagdeen impaayerattii humna waraanaa irratti harkaa dhumuun kufaatii diinagdee jabaaf kan saaxilamee jiru Bilxiginnaan deebisee impaayerattii suphuuf jecha qabeenyaa uummataatti waraana isaa bobbaasuun qaala’iinsa jireenyaa cinatti afaan qawween saamicha geggeessee gidiraa hamtuuf saaxilaa jira.
Akka guutuu Oromiyaatti tibba kana saamicha yakkoota gara jabinaa garaa garaan qabeenyaa ilmaan Oromoo barbadeessaa kan jiran ergamtoonni Bilxiginnaa tibba kana immoo barsiisotaa fi hojjetoota mootummaa irraa maqaa gibira, meeshaa waraanaa binnaa fi gatii miindaa milishaa jedhuun saamicha hammeessaa jiru.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Onoota hunda keessatti kaadiroonni fi dabballoonni pp hojjettootaa fi barsiisota miindaa isaanii irraa 10% kutuun meeshaa waraanaatu ittiin bitama akkasumas milishootaaf oola kan jedhu murteessuun barsiisotaan dirqamaan kana raawwattu jechaa jiru. Barsiisota maaliif kuni ta’a jedhan irratti ammoo doorsisa jabeessanii kan jiran oggaa ta’u, godinichuma onoota hunda keessatti kaadiroonni PP ganda tokkotti midhaan ardaba 45 walitti qabuun galii akka godhan uummatatti murteessanii jiraachuu maddeen dabaluun ONM’f himanii jiru.

