Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Kiiramuu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa hojjettoota mootummaa dirqamsiisuun miseensummaa guuchisiisaa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Amajjii 25, 2025 

Murni garboomfataan impaayerattii yeroo adda addaatti maqaa “miindaa dabaluu” jedhuun hojjettoota isaa sobuun kan ji’a tokkoo qofa kaffalaafii jiraachuu fi gama kaaniin ammoo “miseensa Bilxiginnaa ta’uu qabdu” jechuun dararaa hamaa irraan gahaa jira.

Aanaa Kiiramuu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa “hojjettootni mootummaa hundi miseensa dhaaba keenyaa ta’uu qabu” jechuun Amajjii 18, 2025 irraa eegaluun hojjettoonni mootummaa hundi miseensa akka ta’aniif dirqamsiifamaa jiraachuu hojjetaan mootummaa maqaan isaa akka dhahamu hin feene ONM’f yaada isaa kennee jira.

Hojjettoota miseensa Bilxiginnaa hin taanu jedhanii didan immoo shira biroo irratti yaaduuf kan karoorfatanii jiran yoo ta’u, miseensa dhaaba siyaasaa biroo ‘ABO ykn KFO’ jedhanii akka guutaniif dirqamsiifamaa jiraachuu hojjetaan kun itti dabaluun eeree jira. 

Kana malees, daballiin miindaa hojjetootaa ji’a Onkoloolessaa irraa ka’ee kan isaaniif kaffalamuu qabu ture ergamtoonni Bilxiginnaa immoo kan ji’a tokkoo malee akka hin jirre itti himuun qarshii isaanii akka hin fudhanneef dhorkamanii qaala’insa jireenyaaf saaxilamanii dararamaa jiraachuun himamee jira.

Exit mobile version