Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota dararuu, saamuu fi dirqamaan milishummaa leenjisuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Amajjii 29, 2025 

Aanaa Qondaalaatti ergamtoonni PP jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu itti fufuun, ganda Shuuraa Maaramoo keessaa Amajjii 25, 2025 “kottaa Ispoortii shaakalaa” jechuun sobanii dargaggoota waamuun, hoggaa isaan dhaqan bakka tokkotti walitti qabuun jumlaan barattoota hedduu ukkaamsanii leenjii milishummaa galchanii jiraachuu maddeen himan.

Barattoota ukkaamfaman keessaa muraasni kan maqaan nu ga’e:

  1. Yaasin Haajiisan,
  2. Musxafaa Haajiisan,
  3. Nasoo Haajiisan,
  4. Birqee Haajiisan,
  5. Gurmuu Saamu’eelii fi kanneen biroo hedduu ta’uun eeramee jira.

Gandicha keessatti saamichaa fi dararaan lammiilee nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufuun, maqaa kaffaltii gibiraanis nama tokko irraa qarshii 10,000 fi isaa ol dirqamaan afaan qawwee itti qabuun saamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akkasumas, maqaa nu waliin sakatta’iinsa Waraana Bilisummaa Oromoof gara bosonaa deemtu jedhuun illee hawaasni garmalee hiraarfamaa kan jiru yoo ta’u, kanneen dirqama kana hin bobbaanes reebicha, hidhaa fi adabbii maallaqaa hanga qarshii 1000’tti adabamaa kan jiran ta’uun ibsameera.

Exit mobile version