Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruu keessatti hidhattoonni Bilxiginnaa jiraattota irratti saamicha raawwachuu hammeessan

ONM-ABO Amajjii 31, 2025 

Impaayera Itiyoophiyaa gama maraan kufte deebisanii suphuuf ergamtoonni Bilxiginnaa dinagdee uummata Oromoo irratti saamicha daangaa darbe raawwachuu itti fufanii jiru.

Aanaa Abaaboo Guduruu keessatti ergamtoonni murna maafiyaa PP  hawaasa ofiifuu jireenya harkaa gara afaanii jiraatu saamicha hamaa ta’een dararuu hammeessuun, magaalaa Kombolchaa ganda Baroo keessaa Amajjii 27, 2025 nama maqaan isaa Kumsaa Lammeessaa jedhamu jalaa xaafii ardaba 15 fi Boqqolloo ardaba 22 saamanii fe’atanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, namni kun hojii isaa malee siyaasa kam illee kan hin hordofne yoo ta’uu, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun saamicha ulfaataa kana irratti raawwachuun jireenya isaa golgoleessanii harka qullaatti hambisanii deemuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version