ONM-ABO Gurraandhala 2, 2025
Impaayerri xiqqaa fi guddaan jibbamtee, beekaa fi wallaalaan mormamte, siyaasa ittiin aangoo dheereffattu diriirsuun bakkeewwan garaa garaa keessatti ergamtoota ishee bobbaasuun gariin ajjeesaa, gariin hidhaa, gariin immoo afaaniin sobaa teessuma aangoo dheereffachuuf caasaa lafa jalaan ijaaruuf hoggaa tattaafatu yeroo adda addaatti mormiin irratti ka’aa oola.
Magaalaa Jimmaa keessaa Amajjii 27, 2025 Kaabinoonni Bilxiginnaa barsiisota sadarkaa garaa garaa irraa barsiisan walitti qabuun haala ittiin aangoo isaanii dheereffatan irratti leenjii adda addaa kennaa akka turan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsan.
Leenjii guyyaa tokkoof kenname kana irratti, “isin barsiisonni nu hin morminaa, Waraana Bilisummaa Oromoo ammoo balaaleffadhaatii nu bira dhaabbadhaa! hin deggeriinaa, filannoo itti aanutti illee nu filadhaa” jechuun yoo leenjisan, barsiisonni immoo, yaada isaanii kana ifatti mormuun ibsameera.
Barsiisonni leenjii sana hirmaatan, akkas jechuun morman; “dubbiin isin miidiyaa irratti dubbattanii fi gochi lafa jiru wal hin argu. Uummanni misooma kooriidariitiif fedha isaaniin bakka gadhiise jettu, garuu sababa kooriidariitiif hiyyeessa meeqatu boo’aa jira. Meeqatu immoo of ajjeese, Akkasumas, ‘isin hayyuudha’ jettanii nu waamtani. Kan nuuf ta’u nutu beeka. Abbaa feene deggerree, abbaa feene mormuun mirga keenya” jechuun mormanii, yaada Kaabinoonni dhiheessanitti bishaan naquun waltajjii irraa yaa’anii ba’uun himamee jira.
Magaalaa kana malees, guyyaa sana guutuu Oromiyaa keessaa leenjii kana kennaa kan ture Bilxiginnaan, qabxiilee akka:
1. Oromoon impaayerattii ijaaruu keessatti gahee maalii ba’aa akka turee fi jiru,
2. Qormaata jijjiiramaa kanneen ta’an, WBO, TPLF fi Faannoo akka ta’e,
3. Yeroo ammaa kana humna impaayerattii diiguuf ka’e dura dhaabbachuu qabna.
4. Jabina paartii keenyaa” kan jedhu irratti mariisisuun gowwomsuuf yaalaa turuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.

