Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni Bilxiginnaa godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti uummata nagaa jumlaan mana hidhaatti guuruu hammeessuu ONM odeeffate 

ONM-ABO Gurraandhala 2, 2025 

Murni Bilxiginnaa kutaalee Oomiyaa cufa keessatti badii tokko malee maqaa hariiroo WBO waliin qabdu jedhu hawaasatti moggaasuun, goleewwan Oromiyaa cufatti waraana isaa bobbaasee gochoota suukkannessoo irratti raawwachuu jabeessee itti fufeera.

Aanaa Muneessaa ganda Waajii Gaangee jedhamu keessaa uummata hedduu mana hidhaatti guuruun gaaffii seeraa tokko malee baatiilee dheeraaf hiraarsaa jiraachuun ibsameera. 

Namoonni hidhamuun doorsisni irratti raawwataa jiru muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Roobaa Jaarraa,
  2. Musxafaa Jaarraa,
  3. Huseen Eda’oo fi 
  4. Baatirii  Eda’oo 

kanneen jedhaman ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Exit mobile version