Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ameerikaan loltoota ishee hunda Siiriyaa keessaa baasuuf karoorfachuu gabaasaaleen ibsan

ONM-ABO Gurraandhala 6, 2025 

Ministeerri Ittisaa Ameerikaa loltoota Ameerikaa hunda Siiriyaa keessaa baasuuf karoora baasuu isaanii NBC News Roobii kaleessaa qondaaltota ittisa Ameerikaa lama wabeeffachuun gabaase.

Prezidaant Doonaald Tiraamp fi qondaaltonni itti dhihoo ta’an dhiheenya kana loltoota Ameerikaa Siiriyaa keessaa baasuuf fedhii akka qaban ibsaniiru. Kunis qondaaltonni Peentaagoon guyyoota 30, 60 ykn 90 keessatti guutummaatti akka ba’an karoora baasuu akka jalqaban taasiseera jedha gabaasni kun.

Gama biraatiin ammoo humnoonni dimokiraasii Siiriyaa (SDF) gareen kun humnoota Ameerikaa kaabaa fi baha Sooriyaa keessa jiran irraa ka’uuf karoora hin arganne jedhan.

“Dhugaadha, ISIS fi humnoonni hamoon biroo carraan Ameerikaan ofirraa baasuun haala bara 2014 irra deebitee akka hojjettu eegaa jiru,” jechuun dubbi himaan SDF Farhaad Shami’tti Rooyitarsiif himaniiru.

ISIS bara 2014 yeroo aangoo isaa ol ka’aa turetti namoota miliyoonaan lakkaa’aman irratti bulchiinsa shororkeessummaa kan fe’e yoo ta’u, naannoowwan Iraaq fi Siiriyaa walitti makaman to’annoo jala oolche.

Ministeerri Ittisaa Ameerikaa loltoota Ameerikaa hunda Siiriyaa keessaa baasuuf karoora baasuu isaanii NBC News Kibxata darbe gabaaseera, qondaaltota ittisa Ameerikaa lama kaasuun.

US humnoota Kurdootaan durfaman ISISn loluuf akka muchuutti yoo ilaaltu Turkiin ammoo akka balaa nageenya biyyaatti ilaalti jechuun Rooyiteers gabaaseera.

Exit mobile version