Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni faashistii PP Bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii kutaa magaalaa Buraayyuu keessatti nama tokko ajjeesanii gatuun dhaga’ame

ONM-ABO Gurraandhala 5, 2025 

Baattonni kaayyoo Minilik ergamtoonni impaayerattii garaa isaanii guuttachuu qofaaf lubbuu ilmaan Oromoo akka baala mukaatti harcaasaa oolan, Oromiyaa bakkoota hedduu keessatti ajjeechaa suukkanneessaa ilmaan Oromoo irratti raawwachuu itti fufiuun guyyuu ajjeesanii reeffa ilmaan Oromoo bineensa sooraa oolu.

Bifuma kanaan dhalataa Kaaba Shaggar aanaa Darraa kan ta’e nama maqaan isaa Ahimed Musxafaa jedhamu hojii humnaa hojjetee kan of jiraachisu Guraandhala 3, 2025 halkan irraa magaalaa Buraayyuu naannoo Dirreetti ajjeesanii akka gatan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Murni badee balleessaan ilmaan Oromoo biyya abbaa isaanii irratti kutaa fi lagaan qooduun dararaa agarsiisaa oolu Bilxiginnaan goolessitootaa fi gara jabeeyyii waraana isaa uummatatti bobbaasuun aduu dhihee bari’uun ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi yakkoota garaa garaa irratti raawwachuun duguuggaa sanyii daangaa hin qabne irratti raawwachuun sirnichi daran jibbiinsa Oromoof qabu akka mul’isus jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version