Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa keessatti waraanni maafiyaan Abiy Ahimed jiraattota irratti manneen gubuu fi saamicha raawwachuu hammeessan

ONM-ABO Gurraandhala 7, 2025 

Aanaa Guutoo Giddaa ganda Eebbaa iddoo addaa Dhagaa Adii jedhamuun beekamu keessaa Gurraandhala 5, 2025 loltoonni sirnichaa maqaa sakattaa dawoo godhachuun ganama barii obboroo mooraa waraana Bilxiginnaa gandichuma iddoo addaa buufata Alamganaa jedhamu irraa garasitti socho’uun, maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun nama maqaan isaa Tolasaa Olumaa jedhamu badii tokko malee mana jireenyaa 2 qabeenya hunda waliin ibidda itti shidanii barbadeessuun, loon tokkos jalaa ooffatanii deemuu maddeen ONM’tti himan.

Oduu saamichaan wal qabatuun ammoo yerooma wal fakkaataatti bakkichuma irraa: 

  1. Misgaanaa Dhuunfaa jalaa loon 1,
  2. Waggaarii Kidaanuu jalaa loon 2 fi 
  3. Gurmeessaa Alamaayyoo jalaas loon 3 saamanii deemuu maddeen himan.

Kana malees, aanicha bakkeewwan addaa addaattis maqaa kaffaltii gibiraan illee hawaasni hedduu dararamaa kan jiru yoo ta’u, abbaa warraa yookaan nama qarshii isaaniif kennu manaa yoo dhaabanis namuma manatti argan fuudhanii deemuun hidhaatti darbachaa kan jiran ta’uunis dabalataan ibsameera.

Exit mobile version